Dhukkuboota Kalee (Kidney Diseases) fi barbaachisummaa kalee Qorannoo Saayinsaawaan.

Kaleen kutaa qaama namaa keessaa barbaachisoo ta’an keeysaa tokko yoo ta’u,

lafee dugdaa jala, gara duubaa, mirgaa fi bitaa qaama keessatti argama, Ulfaatinni kalee tokko grama 120 hanga 150 ta’a.Tokkoon tokkoon kalee dheerinni isaa tilmaamaan seentimeetira 11-14, bal’inni isaa seentimeetira 6 fi furdina seentimeetira 4 qaba. Guddinni isaanii xiqqaa taʼus, hojiiwwan murteessoo fayyaa qaamaatii fi jireenya lubbuu nama tokkoof barbaachisan raawwatu. Tokkoon tokkoon kalee keessatti nefroonii miliyoona tokkoo ol jira.
Neefrooniin kutaa hojii bu’uuraa kalee ti. Adeemsa barbaachisoo kalee dhiiga qulqulleessuu fi homeostasis to’achuuf raawwatu hundaaf itti gaafatamummaa qaba.

Neefrooniin caasaa maaykirooskoopii keessatti keessa argamudha. Tokkoon tokkoon kalee namaa fayyaa qabu keessatti tilmaamaan neefroonota miliyoona 1 hanga miliyoona 1.2 of keessaa qaba. Neefrooniin garee kutaalee anatoomii addaa kanneen dhiiga calaluu, wantoota faayidaa qaban deebi’anii xuuxuu fi balfaa fi summii fincaan keessaa baasuuf madaala sirrii ta’een hojjetan of keessaa qaba.

Tokkoon tokkoon nefroonii glomerulus fi renal tubule kan of keessaa qabu yoo ta’u, adeemsi dhiiga calaluu fi wantoonni barbaachisoo ta’an deebi’anii xuuxamuu fi fincaan dhangalaasuun qulqullina dhiigaa fi madaallii elementoota barbaachisoo ta’anii eeguuf tartiibaan kan raawwatudha.
Kaleen dhiiga calaluu fi summii fi xurii qulqulleessuuf itti gaafatamummaa qaba. Dhiigni karaa dhiigraabsituu kaleetiin kalee seenee karaa dhiigdeebistuu kaleetiin ba’a.
Kaleen fincaan calalee karaa ujummoo yuureeteriin gara afuuffee fincaaniitti Ergaa, Afuuffeen fincaaniis Dhangala’aan fincaanii sun hanga bifa xuriin dhabamsiifamuutti yeroof Of keessatti kuufatee tursiisa. Booda To’annaa sirna narviitiin afuuffee kana keessaa fincaan ujummoo yuureetiraatiin gara alaatti gadi baha.
Kaleen wantoonta qaamaaf hin barbaachifnee fi xuriiwwanii fi wantoota tajaajila kennanii fi hammi isaanii hanga qaamni keenya barbaaduu ol ta’an Kana akka yuuriiyaa, asiidii yuurikii, albudootni ashaboo fi kkf dhiiga keessaa dhimbiibuun calalee fincaanii wajjin, gara alaatti akka bahan gochuuf itti gaafatamummaa qaba.
Akkasumas madaallii dhangala’aa fi elektiroolayitii fi madaallii pH ni to’achuu. Akkasumas hormoonota barbaachisoo ta’an kan akka eritiroopooyitiin kan seelii dhiiga diimaa uumamuu kakaasu uumuu, oomisha “renin” kan dhiibbaa dhiigaa to’achuu keessatti hirmaatu; fi kaalsitiriyoolii, bifa sochii vitaamin D, kan madaallii kaalsiyeemii fi fosfarasii qaama keessatti to’atuu fi kkf irratti hirmaata.
Kaleen qaamolee barbaachisoo ta’an keessaa tokko yoo ta’u, gahee barbaachisaa dhiiga calaluu fi homeostasis keessatti qaban yoo ilaalle qaama ishee malee lubbuun namaa jiraachuu hin dandeenyedha.
Kaleen miidhamee Hojiiwwan barbaachisoo kana irratti jeequmsi yoo uummame, summiin kuufamuu fi jeequmsa dhiibbaa dhiigaa soodiyeemii fi hormoonii irratti kan geessu yoo ta’u, dhukkuboota kalee yeroo dheeraa fiduu fi lubbuu galaafatanu fi fayyaa waliigalaa irratti dhiibbaa geessisaniif nama Saaxila!.
kaleen keenya Sababoota garaagaraatiin fayyummaan ishee miidhamee dalagaa yokan hojii qaama keenyaaf hojjettu dhawaata dhawaataan ykn yeroo yeroon hirrisaa deemaa, booda irrattis dhiiga qulqulleessuu dadhabuun Dhangala’oo fi wontootni qaamaaf hin barbaachifne, kan silaa dhiiga keessaa calalamanii yokan dhimbiibamanii fincaanii wajjin gara alaatti bahuu qaban, akka dhiigaa fi qaama keessatti hafanuu fi baay’atanii kuufamanu godha, kunis Dhukkuboota kaleetiin akka qabamnu taasisa, akkasumas rakkoo fayyaa Garaagaraa fi wal xaxaa Ta’eef nama saaxilaa.
Akka gabaasa dhaabbata fayyaa Adduunyaa WHO (2023 /2024) Namoonni miliyoona 850 ta’an addunyaa guutuu keessatti dhukkuba kalee waliin rakkataa jiraatu.
Dhukkuboonni kalee (kidney disease’s ) akka Addunyaatti waggaa waggaan, du’a namoota miliyoona 5 Oliif sababa ta’aa jiru, yokan sababa dhukkuboota kaleetiin waggaatti namoonni miliyoona 5 ol lubbuu dhabaa jiru! Inumayyuu gabaasni qorannoo kan biraan Akka agarsiisutti, sababa dhukkuboota kaleetiin wal qabatuun, waggaa waggaan namoonni miliyoona 11 tilmaamaan du’aa jiru, Kunis, dhukkuba, kalee, Dhukkuboota 10 Ciccimoo Addunyaa keeysatti waggaa waggaan lubbuu namoota miliyoonotaa galaafatanu keessatti akka lakkaawwamu taasisee jiraa.
Akkasumas sababa Dhukkuba Kaleen Addunyaan Waggaatti Doolaara biliyoonaan tilmaamu dhabaa jirti! dhukkuba kalee yaalamuuf jecha Namoonni hedduun Mana jireenyaa fi waan Qabanu hunda Qabeenya fixatanii kadhaaf fuulla namaa dhaabbata jiru!.
Dhukkuboonni kalee ciccimmoon isaan Kami?
Dhukkuboonni kalee uumamaan sababni isaanii fi mala guddina isaaniitiin garaagarummaa qabu.
Qorannoon akka agarsiisutti dhukkuboonni kalee baayyinaan mul’atanii fi baay’inaan rakkoo fayyaa hamaa fi rakkoo dinagdee guddaa fidan kanneen armaan gadii ti:
1. Dhukkuba kalee yeroo gabaabaa kan akka tasaa uummamu Cimaa (Acute Kidney Injury – AKI)

Dhukkubni kalee akka tasaa utuu namni itti hin yaadin Uumamu dhukkuba cimaa yoo ta’u Ingiliffaan (acute kidney failure) jedhamaa, haalli kun dhangala’uu yokan kalee keessatti dhiigni dhiiguu cimaa fi qoricha sirrii hin tane nephrotoxic fayyadamuu irraa kan kan ka’e kaleen miidhamuun, hojii isaa tokkon tokkoon yeroo gabaabaa keessatti, ariitii fi saffisaan hir’achuun akka tasaa guutumaan guutuutti hojii dhaabuu kalee jechuudha. Kunis yeroo baay’ee guyyaa muraasa ykn torban muraasa keessatti kan uumamudha. Haala kana keessatti kaleen akka tasaa hojii dhaabuun balfaa fi xuriiwwan gargaara, qaama keessatti akka kuufamu taasisa.
Hatattamaan yoo sirriitti hin wal’aalamin miidhaa cimaa qaama guutuu irra geessisuu fi lubbuu galaafachuu danda’a.
Dadhabni kalee cimaan kan uumamu miidhaa tasa nefroonota—kutaa hojii bu’uuraa tiruu irratti ga’een. Miidhaan kun sadarkaa gurguddoo sadii irratti uumamuu danda’a:
1. AKI kalee duraa (Pre-renal AKI):
Yeroo kaleen dhiiga gahaa hin arganne, kan akka haala bishaan qaama keessaa hir’achuu cimaa, baayyee dhiiguu fi dhiibbaan dhiigaa gadi bu’uu, ykn dadhabuu onnee irraa uumama kaleen mataan isaa fayyaa ta’us, dhiiga gahaa argachuu dhaba.
Kunis kan uumamu dhiibbaa dhiigaa (hypoperfusion) osoo kalee irratti kallattiin tishuu isaa irratti hin miidhamne, kan akka rifachuu, dhiiguu cimaa, bishaan qaama keessaa hir’achuu ykn onnee dadhabuu irraa kan ka’edha. Haala kana keessatti sababni jeequmsa kanaa hanqina dhiigaa malee Rakkoo kalee mataa isaa miti.
2. AKI keessaa ykn kalee keessaa yokan Intrinsic or Intra-renal AKI):
Kun kan uumamu Yeroo tishuun kalee mataan isaa sababa infekshinii yeroo dheeraa fi summii Qorichoota kalee miidhan kan akka antibaayootikii ykn nefrootoksiin kan akka aminoglycosides fi nonsteroidal anti-inflammatory drugs (NSAIDs) fayyadamuu irraas, ykn wantoota summii qabaniifi sibiilota ulfaatoo ta’aniif saaxilamuu irraa kan maddudha.
3. AKI kalee boodaa(Post-renal):
Yeroo fincaan sababa cufamuu ujummoo fincaaniitiin danqamuu fi kan akka dhagaa kalee (renal calculi), piroostaatii guddachuu yokan prostatic hypertrophy irraa kan maddudha.
Dhukkubni kun dhukkuboota yeroo dheeraa baay’inaan mul’atan keessaa tokko yoo ta’u, dhiibbaa dhiigaa fi dhukkuba sukkaaraa, sababoota CKD addunyaa irratti adda duree ta’an lamaan waliin walitti hidhata guddaa qaba.
AKIn yoo hin yaalamne gara CKDtti guddachuu danda’a, akkasumas rakkoo onnee fi tiruu lubbuu namaa balaadhaaf saaxiluu fi meetaabolii siindiroomii fiduu danda’a.
2. Dhukkuba kalee yeroo dheeraa yokan kaleen Dhawataan dadhabuu fi hojii dhaabuu(CKD):

Dhukkuba kalee yeroo dheeraa (CKD) jechuun hojiin kalee ji’a sadii ol walitti Aansuun tartiibaan hir’achuu isaatiin kan madaalamu yoo ta’u, kunis saffisa glomerular filtration rate (GFR) hir’achuu yeroo baay’ee saffisa (GFR) gara 60 ml/min/1.73 m2 gadi hir’achuudhaan kan madaalamudha ykn miidhaa tishuu (kan akka proteinuria ykn hematuria) jiraachuu isaatiin kan madaalamudha.
Dhukkuba hojii dadhabuu kalee dhukkuba kalee yeroo Dheeraa yokan, (Chronic Kidney Disease) Jechuun, Sababa dhukkuboota garaa garaa yeroo dheeraa kan akka dhukkuba sukkaaraa fi dhibbaa dhiigaa`n kan ka’e Kaleen suuta suutaan dalagaa yokan hojii qaama keenyaaf hojjettu dhawaata dhawaataan ykn yeroo yeroon hirrisaa deemuun booda irratti rakkoon kalee mudate sadarkaa olaanaatti gaafa ce’u Kaleen guutummaatti akka dadhabu taasisuun hojii ala godhu yoo ta’u dhukkubni kalee yeroo Dheeraa kun, Waggaa waggaan du’a lubbuu namoota miliyoona 1.2 oliif sababa ta’aa jiruu fi miidhaa diinagdee fi hawaasummaa diinagdee guddaa geessisudha.

3. Dhukkuba kalee infeekshinii Glomerulonephritis:

Innis inflammation glomeruli, Glomeruli = “Vital filter” kalee keessa jiru kan dhiiga calaluu fi summii qulqulleessuudha.
Glomeruliin kun yeroo Miidhaman dandeettiin calaluu isaanii ni miidhama, kunis dhiigni ykn pirootiiniin gara fincaaniitti akka dhangala’uu fi dhangala’aan akka qabamu taasisa.
Infeekshiniin kun infekshinii baakteeriyaa ykn vaayirasii, jeequmsa ofirraa ittisuu kan sirni ittisa qaamaa dogoggoraan kalee akka haleelu taasisu (kan akka systemic lupus erythematosus), ykn qorichaafi summii tokko tokko irraa kan ka’e ta’uu danda’a.
Mallattoon dhukkuba kanaa: dhiita’uu fuulaa fi miilli, fincaan ba’uun hir’achuu, fincaan dhiiga qabaachuu fi dadhabbiin waliigalaa dabalata.

Yoo hatattamaan hin yaalamne gara dhukkuba kalee yeroo dheeraa (CKD)tti guddachuu danda’a. Wal’aansi isaa sababa irratti kan hundaa’u yoo ta’u, boqonnaa, to’annoo dhiibbaa dhiigaa fi kkf kan dabalatudha.
4. Dhukkuba cirracha/dhagaa (Kidney Stones / Renal Calculi) fi Mallattoolee isaa….

Cirrachi kalee dhibee meetaabolii beekamaa ta’ee fi dubartoota caalaa dhiirota irratti kan Mul’atuu fi miidhu yoo ta’u, keessumaa kanneen umuriin isaanii waggaa 30 hanga 50 gidduu jiran yoo ta’u, sababoota dhukkubbii ujummoo fincaanii fi kalee, dugdaa fi mudhii cimaa ta’an keessaa tokko ta’ee fudhatama.
Dhagaan yokan cirrachi kalee kuufama jajjaboo kiristaala ta’ee fi kalee ykn kutaa sirna fincaanii kamiyyuu keessatti kan uumamu yoo ta’u, kunis ujummoo fincaanii fi afuuffee fincaanii dabalatee.
Dhagoonni kun kan uumaman qaamolee keemikaalaa fincaan keessatti madaalliin dhabuun yoo jiraate yoo ta’u kunis soogidda fi albuudota akka kaalsiyeemii, oksaaleetii, fosfeetii ykn asiidii yuuriikii akka dabalu taasisa. Wantoonni kun fincaan keessatti baayyatani kiristaalota xixiqqoo hin bulbulamne kan suuta suutaan walitti maxxanan uumuudhaan dhagaa jajjaboo guddina miliimeetira muraasaa hanga seentimeetira hedduu qabu uumu.
Gosoota cirracha kalee.

1• Cirrachi kalee gosti Tokkoffaan (calcium Stones) jedhamuun beekkama, gosti Cirrachi kalee kun Ikun gosa cirrachaa baay’inaan mul’atu yoo ta’u, Dhukkubsattoota cirracha kalee keessaa tilmaamaan %70–80 kan ta’an gosa cirrachaa kanaan qabamu! cirrachi kun kan uumamu yeroo kaalsiyeemii fi oksaaleetii fincaan keessatti olka’uu fi hanqina wantoota kiristallisaayizeeshinii dhorkan kan akka saayitreetii wajjin walqabatudha.
2• lammaffaan Cirracha kalee Asiidii yuurikii (Uric Acid Stones) Jedhamuun beekkama.
Gosti Cirrachaa kun Wantoota pirootiinii baayyee qabanu kanneen akka foon coomaa fi tiruu, qurxummii fi kkf Baayyinaan Soorachuun qaamni Pirootiinii to’achuu Yeroo dadhabu fi Dhukkuba Neqras yokan (Gout) kan yuurik Asiidiin akka baayyatu taasisuun qabamuu fi sababa kf Kan ka’e Asiidiin yuurik daangaa idilee ol ta’uun kalee keessatti walitti Qabamee gara cirrachaatti jijjiirama.
Nama cirracha kalee yuurikii Qabu irratti mallattoolee Armaan gadiitu mullata.
• yeroo tokko tokko Fincaan isaa wajjiin dhiigni walitti maktee irraa bahaa.
• Fincaan isaa ni diimata yokan bifa duumeeysaa,hurrii,Aara, fakkaata.
• Mudhii fi garaa isaa keeysaa dhukkubbiin itti dhaga’ama.
Gosti cirracha Kalee kun, yeroo baay’ee namoota Furdina Qaamaa humnaa Olii Qabanuu fi namoota dhibee Sukkaaraa, dhukkuba (Rii) dhukkuba lafee, qabanu irratti Ballinaan Uumamaa.
3• Sadaffaan Gosa Cirracha kalee Siistiini (cystine Stones) jedhamuun beekkama:
Namoota dhukkuba jeneetikii Sistinuuriyaa (Cystinuria) jedhamu qabanu keeyssatti baayyinaan Uumamaa, Gosa Cirracha kalee Tuuta jabaa keemikaalota Siistiinii irraa walitti Qabama.
Gosti cirracha Kalee kun dhaalaan kan dhufadha, maatii irraa namatti kan darbu yoo ta’u Fakkeenyaaf abbaa yokan haadha garee maatii tokko irraa gara daa’imaatti darbuu danda’a.
Mallattoon cirracha kanaa.
• Cinaacha mirgaa yokan bitaa keeysaa dhukkubbii fi waraansi, itti dhaga’amu.
• Yeroo baayyee cinaacha Gara tokko qofaan Ciisuu, gara lamaaniin Ciisuu dadhabuu.
• jilba, miillaa fi mudhii, keeysaa dhukkubbiin itti dhaga’amuu.
Gosti Cirracha Kalee kun dmallattoo dafee namarratti hin mullisu. Akkasumas baayyinaan kan argamu miti! namoota 1000 keeysaa Nama tokko qofatu dhukkuba kanaan qabama.
4• Afraffaan Gosa Dhagaa yokan cirracha infekshinii yokan (Struvite Stones) jedhamuunis kan beekaman yoo ta’u. Cirracha Kalee guddaa fi Ulfaataa ta’e kan Staghorn calculus ta’edha.
sababa infekshinii baakteeriyaa yeroo dheeraa ujummoo fincaanii keessatti baakteeriyaa inzaayimii yuuriyaasii jedhamuun beekamu kan yuuriyaa gara ammooniyaatti jijjiiru uumuun fincaan baay’ee alkaalaayinii taasisuu fi maagniziyeemi, amooniyeemii fi fosfeetii bifa kiristaala gurguddaatiin akka madduu fi kuufamu taasisa.
Sababoota ijoo keessaa Yeroo dheeraaf fincaan qabachuu dafanii fincaanuu dhabuu
Infeekshinii ujummoo fincaanii irra deddeebiin dhufu, keessumaa dubartoota irratti baayyinaan kan Mul’atu yoo ta’u Baakteeriyaa yuuriyaasii oomishanii kan akka Pirootiyoosii fi Pseudomonas jedhamuun qabamuu
Rakkoon Ujummoo fincaanii dhalootaan dhufu kan fincaan akka dhaabbatu taasisu jirachuu fi kkf
Nama Cirracha Kalee Gosa kana Qabu irratti mallattoolee Armaan gadiitu mullata.
Ujummoon fincaanii Cufamuu yokan dhiphaachu,
Fincaan qabee Yeroo inni ficaa’uuf jedhu, isaa keeysaa bahuu,diduu.
Fincaan isaa wajjiin yokan fincaan booda dhangala’aan wal harkisu kan bifa adii fi daalacha yokan booratti Dhihaatu akka malaa fi kkf fincaan booda yokan fincaan dura nama keeysaa bahu.
Humni qaamaa gadi bu’uu fi Yeroo hunda miirri dadhabbii qaamaa namatti dhaga’amu.
Dugdaa fi Mudhii isaa gara Olii fi gadi naannoo walakkaa dugda isaa gara kaleetiin dhukkubbiin namatti dhaga’ama.
Dhukkuba Wabaa/busee fi Taayifoodiin irra deddeebi’uun namicha irratti mullachuu, yokan Yeroo baayyee dhukkuboota kanaan Qabamuu fi kkf.
Gosoota Cirracha Kalee Keessaa Wanni Adda isa Taasisu Saffisaan Guddataa, Bishaan qofa dhuguun bahuu hin danda’u! Daandii Fincaanii cufaa, Utuu hin yaalamin yoo namarra ture Kalee hojiin ala gochuu danda’a! Yeroo baayyee yaala baqaqsanii hodhuu gaafata!.
Akkuma Armaan olitti ibsuuf yaalle Gosoonni yokan cirrachoonni walnyaatinsa keemikaalaa pH fincaanii, fi sababoota meetaabolii fi soorataa irratti hundaa’uun garaagarummaa qabu. Haa ta’u malee, bishaan qaama keessaa hir’achuu fi dhangala’aa gahaa fudhachuu dhabuun gosoota hundaaf sababa ijoo ta’ee fudhatama.
Namni tokko Dhukkuba kana yaalamuu dhiisee tuffachuun dhukkuba kalee fi ujummoo fincaanii yeroo dheeraa fi kalee gartokkoon ykn guutummaatti kalee dadhabuu fiduu danda’a. Kunis lubbuu galaafata!
Dhukkubni kalee qormaata fayyaa hamaa bara ammaa keessaa isa tokko yoo ta’u, kallattiin dhukkuboota gurguddoo yeroo dheeraa kanneen akka dhiibbaa dhiigaa fi dhukkuba sukkaaraa wajjin walitti dhufeenya qabaachuu isaa, akkasumas dhiibbaa dachaa onnee, sammuu, lafee fi sirna narvii irratti qabu yoo ilaallee dhibee xiyyeeffannoo guddaa argachuu qabuu fi irratti xiyyeeffatamuu qabu taasisa.
> Barreessaan: Dr. Huzaifah Muhammad Awol Shifa Ogeessa Qoricha Aadaa fi Yaala Uumamaa (Specialist in Herbal Medicine) Giddu Gala Yaala Aadaa Oromiyaa
Bakka: Oromiyaa, Itoophiyaa Gidduu galli kun Yaala Aadaa sirrii ta’ee fi Qorannoo saayinsaawaa fi walitti dhufeenya qoricha aadaa fi qoricha ammayyaa irratti xiyyeeffata, yaala aadaa qorannoo ammayyaa irratti hundaa’e. Yaala Dhukkuboota adda addaatiif Lakkoofsa bilbilaa 0917535385 irratti miiseejii Barreeffama nuuf Erguu dandeessu.
📚 Madda Wabii (Scientific References)
1. National Kidney Foundation (NKF) – “Chronic Kidney Disease (CKD): Causes, Stages, and Treatment. ”https://www.kidney.org
2. World Health Organization (WHO) – “Global Burden of Kidney Disease and Dialysis Statistics 2024.” World Health Organization, Geneva.
3. KDIGO Clinical Practice Guidelines – “Clinical Practice Guideline for the Evaluation and Management of Chronic Kidney Disease.” Kidney International Supplements, 2020; 113(2): S1–S115.
4. Levey, A. S., et al. “Definition and classification of chronic kidney disease: A position statement from KDIGO.”Kidney International, 2005; 67(6): 2089–2100.
5. Johnson, R. J., & Feehally, J. (Eds.) – Comprehensive Clinical Nephrology, 6th Edition. Elsevier, 2022.
6. Taal, M. W., Chertow, G. M., Marsden, P. A., Skorecki, K., Yu, A. S. L., & Brenner, B. M. (Eds.) – Brenner & Rector’s The Kidney, 11th Edition. Elsevier, 2023.
7. Bellomo, R., Kellum, J. A., & Ronco, C. “Acute Kidney Injury.” The Lancet, 2012; 380(9843): 756–766.
8. Couser, W. G. “Glomerulonephritis.”
The New England Journal of Medicine (NEJM), 2012; 366(19): 1905–1917.
9. Torres, V. E., & Harris, P. C. “Polycystic Kidney Disease: Genes, Pathogenesis, and Treatment.”
The New England Journal of Medicine (NEJM), 2014; 371(19): 1753–1766.
10. Perazella, M. A. “Drug-Induced Nephropathy: Mechanisms, Clinical Manifestations, and Management.”
Clinical Journal of the American Society of Nephrology (CJASN), 2018; 13(12): 1897–1908.
11. Moe, O. W. “Kidney Stones: Pathophysiology and Clinical Management.”
The New England Journal of Medicine (NEJM), 2006; 355(3): 234–244.
12. Global Kidney Health Atlas 2023, International Society of Nephrology (ISN).