Author: Dr. Huzayifaa

Maalummaa Dhibee Vaayirasii Tiruu HBV

Maalummaa Dhukkuba Vaayiresii Tiruu dhibee Simbiraa Hepatitis B (HBV) Caasaa fi Amaloota Baayoloojii tooftaa wal-hormaataa fi marsaa jireenyaa Vaayirasichaa. Dhukkuba Tiruu Hepatitis B jechuun dhukkuba Tiruu daddarbaa keessaa isa hamaa fi cimaa yoo ta’u. Rakkoo fayyaa callisaa dhokataa yaaddessoo ta’an keessaa isa tokkodha. Vaayiresiin kun tiruu (liver) irratti miidhaa dhokataa Mallattoolee hin qabne geessisa. Akka […]

Dhaabbata GrandBirr Grand Valley

Dhaabbata GrandBirr: Warraaqsa Dinagdee fi Moodela Bizinesii Halaalaa fi Ammayyaa Addunyaan keenya yeroo ammaa warraaqsa teeknoolojii fi dinagdee keessa jirti. Adeemsi bittaa fi gurgurtaa aadaa irraa gara daldala diijitaalaatti (E-commerce) ce’aa jira. Dhaabbanni GrandBirr yaada kana gara hojiitti hiikuun, seera amantaa (Halaala) fi seera biyyaa waliin qindeessee dhiheesseera. Dhaabbanni “Grand Valley” dhaabbata dhimmoota garaagaraa (Hospitaala, […]

Jimaa/caatii fi dhugaatii Alkoolii

Jimaa fi Dhugaatii Alkoolii: Wal Bira Qabiinsa Miidhaa Fayyaa Saayinsaawaa fi Ilaalcha Hawaasummaa Ibsa saayinsaawaa jimaa fi dhugaatii alkoolii irratti…. Barreeffamni kun ibsa bal’aa, dhimma jimaa/Caatii yokan (Catha edulis) fi dhugaatii alkoolii (ethanol) Maalummaa fi garaagarummaa fi ilaalcha hawaasummaa fi seerota addunyaa madaaluun Ija saayinsiitiin miidhaa fayyaa isaan qaama namaa fi hawaasa irratti geessisan ibsa […]

Yaala Dhibee Kaansarii

Gabaasa Guutuu fi Bal’aa: Yaada Hawaasaa fi Dhugaa Saayinsii Waa’ee Dhibee Kaansarii irratti…. Barreeffama kana keessatti Dhibee kaansarii irraa carraan fayyuu yokan Dhibee kana to’achuu akka jiruu fi wantoota carraa fayyuu dhukkubsatootaa dabalanuu hospitaalotaa fi ogeessota Akkamii biratti yaalamuu qabna kan jedhu bal’inaan ibsina… Hawaasa keenya keessatti, yeroo baay’ee dhibeen kaansarii akka Dhibee dhuma jireenyaatti […]

Gabaasa Vaayirasii Tiruu HBV 2025

Gabaasni qorannoo bara 2025 bahe akka agarsiisutti, Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa WHO`n kaayyoo isaa guddaa bara 2030tti dhukkuba Vaayirasii Tiruu (Hepatitis B fi C) dhabamsiisuuf kaa’ee hojjechaa ture akka hin milkoofnee fi galma sana bira gahuun hanga ammaatti ulfaataa fi fagoo akka ta’e ifa taasiseera. Bu’aan qorannoo irraa argame sodaachisaa ta’ee jira!.   Bara 2016tti Dhaabbanni […]

Vaayrasii

Vaayrasii Maalii!? Akkamitti wal horuu fi jiraachuu danda’a!? Vaayirasoonni wantoota baay’ee xixiqqoo (microorganisms) jedhaman keessaa tokko yommuu ta’an, dhala namaa, horii, bineensota, fi biqiltoota irratti dhiibbaa guddaa fiduu danda’u. Dhukkuboota vaayirasootaan dhufan keessaa muraasni akka Hepatitis B, HIV/AIDS, fi Ebola beekamoo dha.   Uumama fi Amaloota Vaayirasoota (Origin and Nature of Viruses) Vaayirasiin wantoota baayyee […]

Caatii/jimaa fi facaatii vaayrasii HBV…

🔬 Barreeffama gorsaa fi Gabaasa Saayinsaawaa Walitti Hidhata Jimaa (Catha edulis) Keemikaala Irratti Biifamee fi Dhukkuba Tiruu fi facaatii Vaayirasii Hepatitis B irratti. Dhukkubni tiruu yeroo dheeraa (Chronic Liver Disease), addatti kan vaayirasii Hepatitis B irraa dhufu, biyyoota Afrikaa Bahaa keessatti rakkoo fayyaa ummataa guddaa dha. Akkasumas rakkoon kun naannoo jimaa/caatiin itti heddummaatu keessatti ballinaan […]

Wantoota namni HBV qabu of eeggannoo gochuu qabu

Dhukkubni tiruu B dhukkuboota yeroo dheeraadhaaf turanii fi of eeggannoodhaan hordoffii barbaadan keessaa tokko ta’ee fudhatama. Dhukkubni kun dhukkuba dafee nama ajjeesu osoo hin taane, dhukkuba callisaa taa’ee carraa eegudha, Balaan isaa sochii vaayirasichi tiruu keessatti godhuun qofa osoo hin taane, dhukkubsataan dhukkuboota yeroo dheeraa biroo kan yaala yeroo dheeraa barbaadaniin yeroo qabamu rakkoo dabalataaf […]

Barbaachisummaa kalee fi dhukkuboota kalee..

Dhukkuboota Kalee (Kidney Diseases) fi barbaachisummaa kalee Qorannoo Saayinsaawaan. Kaleen kutaa qaama namaa keessaa barbaachisoo ta’an keeysaa tokko yoo ta’u, lafee dugdaa jala, gara duubaa, mirgaa fi bitaa qaama keessatti argama, Ulfaatinni kalee tokko grama 120 hanga 150 ta’a.Tokkoon tokkoon kalee dheerinni isaa tilmaamaan seentimeetira 11-14, bal’inni isaa seentimeetira 6 fi furdina seentimeetira 4 qaba. […]

Cooma tiruu

Akkaataa Mana keessatti Cooma tiruu keessaa Qulqulleessitanu..   Kutaalee Qaama keenyaa keessaa Tiruun isa murteessaa fi Cimaadha. Tiruun keenya guyyaatti Hojii 500 ol Hojjetaa, Tiruun keenya Fayyaa Qaba Taanaan Dhukkubni biraa qaama keenya miidhu hin Danda’u. Tiruun Sirna ittisaa cimaa Eegduu fayyaa keenyaa waan ta’eef Sirriitti irratti Xiyyeeffachuu Qabnaa!..   Wantoota Armaan gaditti ibsaman keessaa […]